14 Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,
ani si leellisa;
hujiin teeti waan maade’ee ti;
anille tana miidhassee beeka.
15 Ani yennaa addee dhossa’aatitti dadame,
qilee gadaamessaa keessatti dadame;
lafeen tiyyaayyuu si duraa hin dhokanne.
16 Gadhaa haadha tiyyaa keessatti,
adoo ani dhiigaatuu,
ilti teeti na dhaggite;
dhaladhee barri jiruu tiyyaa
laakkowamiisa adoo hin jalqabin,
guyyooti naaf yaadamane marti
kitaaba keeti keessatti barreeffamane.