Dadi Marti Waaqa Leellisanuu Ti
1 Mootii Waan Maraa leellisa’a!
Ol-gubbaa keessaa
Mootii Waan Maraa leellisa’a;
gubbaa olii keessatti isa leellisa’a.
2 Ergantooti isaa marti,
loltooti isaa ta ol-gubba’aa marti isa leellisa’a.
3 Ji’aa fi aduun isa leellisa’a;
isin urjooti ifa kennitanu marti isa leellisa’a.