Faaruu Injifanno’oo
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu garbichi Mootii Waan Maraa Daawiti yennaa Mootiin Waan Maraa harka Saa’oliitii fi diinota isaa mara jalaa isa baase Mootii Waan Maraatiif faarfate.
1 Ee Mootii Waan Maraa, ati jabeenna kiyya;
ani si jaaladha.
2 Mootiin Waan Maraa rassaa kiyya,
waan itti golladhu;
ka na baasulle’e.
Waaqi kiyya rassaa kiyya ka ani itti baqadhu;
inni wontee tiyya;
ka akka gaafaa woy na irraa dhooggu;
inni waan ani itti golladhu.
3 Ani Mootii Waan Maraa leellifamaa
hin waammadha;
innille diinota kiyya jalaa na hin baasa.