Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 19

Dadi Ulfinna Waaqaa Mudhitti

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1 Ol-gubbaan ulfinnaa Waaqaa hinti;

gubbaan hujii harka isaa lalladdi.

2 Guyyaan guyyaa itti aanutti kanuma dabarsa;

halkanille halkan itti aanutti woma kana hima.

3 Dubbiin yookiin jechi hin jiru;

qoonqoon isaanii hin dhage’antu;

4 Te’uu malee ergaan isaanii

biyya lafaa duudi’itti baatee,

haga qaccee biyya lafaa geetti.

Inni adu’uuf gubbaa irratti dunkaanii dhaabe.

5 Aduun akka waajiba diinqa ifiitii gad bayuu baati;

akkuma nami rukkee wol doggommi’ii rukkisu

gammadaan rukkisu,

aduun rukkee wol doggommi’ii rukkisiisaaf gammaddi.

6 Aduun dhuma qaccee gubba’aa taan irraa ol baatee,

gara qaccee taanii qaxxaamurti;

wonni o’a isi’ii duraa dhokatu hin jiru.

Seera Mootii Waan Maraa

7 Seerri Mootii Waan Maraa dhidhuu hin qabu;

lubbuu haaressa.

Ajaji Mootii Waan Maraa addatama’a;

nama gowwaa qaroo godha.

8 Seerri Mootii Waan Maraa sirri’i;

gadhaa nama gammachiisa.

Ajaji isaa ifa;

Ila namaa bana.

Veja também