Daadimata Injifannoo Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
1 Guyyaa rakkinna keetii
Mootiin Waan Maraa si’iif dhage’u!
Maqaan Waaqa Yaaqoobii si eegu!
2 Inni Dunkaanii Woyyittii ifi keessaa
qarqaarsa si’iif ergu;
gaara Xiyoonii irraa qarqaarsa siif ergu.