22 Ani guddinna maqaa keetii kolbaa tiyyatti hin hima;
wolde’a gumii isaanii keessatti ani si hin leellisa.
23 Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu,
isa leellisa’a!
Isin sanyiin Yaaqoobii marti,
isa ulfeessa’a!
Isin kolbaan Israa’elii marti,
isa saadadha’a!