Mootiin Waan Maraa Tissee Dansa’a
Faaruu Daawitii.
1 Mootiin Waan Maraa tissee kiyya;
ani womaa hin dhabu.
2 Inni marra bisilee keessatti
akka ani foorfadhu godha;
gara bisaan dansa’aa na geessa.
3 Inni jabeenna haareya naa kenna;
maqaa ifiitiif jedhee
daandii balchaa irra na sooressa.
5 Adoo diinoti kiyya dhagganuu,
ati nyaata naaf qopheessita.
Mataa kiyya zayitii ejersaa23:5 Zayitii ejersaa: Akkuma Gujiin dhadhaa iffatu, Israa’elooti zayitii ejersaa iffatan. muudda;
muduunuun tiyyalle guuttee irraa dhangalaati.