Daadimata Waaqatti Addatiisaa
Faaruu Daawitii.
1 Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya;
ani eennu sodaadha ree?
Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti;
eentu na sodaachisa ree?
5 Inni guyyaa rakkinnaa
mana ifii keessatti na hin eega;
Dunkaanii Woyyittii ifii keessatti na hin dhossa;
rassaa irratti ol na hin baasa.