Daadimata Waaqatti Addatiisaa
Faaruu Daawitii.
1 Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya;
ani eennu sodaadha ree?
Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti;
eentu na sodaachisa ree?
2 Worri hamaaleyyiin foon kiyya nyaatiisaaf
yennaa natti dhufanu,
diinoti kiyyaa fi nyaapholeen tiyya
yennaa na lolanu,
isaanuu gufatanee hin jigan.
3 Loltooti duudiin na marsanulle,
ani hin sodaadhu;
lolli yoo natti ka’elle,
ani Mootuma Waan Maraa addadha.