Pular para o conteúdo
Publicidade

Salmos 32

Cubbuu faaci’atiisaa Fi Araara

Wolaloo Daawitii.

1 Nami cubbuu isaatiif araarri kennameef,

ka yakkaan isaa lakkifanteef ka gammade.

2 Nami Mootiin Waan Maraa cubbuu itti hin laakkonne,

ka soba ifi keessaa hin qanne ka gammade.

3 Ani yennaa cubbuu tiyya faaci’atuu dhabe,

guyyaa guutuu aada.

4 Ati halkanii fi guyyaa na adadde;

akka waan o’i bonaa gossee,

hunni tiyya na keessaa godde.

5 Achiin duuba ani cubbuu tiyya sitti dhugaa baase;

yakkaa tiyyalle hin dhoffanne.

Ani «Cubbuu tiyya Mootii Waan Maraatitti dhugaa baasa» jedhe;

atille cubbuu tiyya naaf araarante.

6 Tanaaf, nami addatamaan marti

gara keeti daadimatuu ti.

Rakkinni akka lolaa jaba’aa yennaa dhufe,

isa hin dhaqqabu.

Veja também