Waaqi Nu Woliin Jira
Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif, ta qoonqoo durraatiin faarfatane.
1 Waaqi addee itti baqannu;
inni hunna teenna;
yennaa rakko’oo inni guddoo nu qarqaara.
2 Tanaaf latti yoo tachoote,
gaarri gara qilee abbaaya’aa yoo bu’e,
3 bisaan yoo shookkisee hoomachowe,
raafamiisa isaatiin
gaaroti yoo hollatanelle nuuti hin sodaannu.