Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 78

Waaqaa Fi Kolbaa Waaqaa

Wolaloo Asaafii.

1 Ee kolbaa tiyya, barsiisa kiyya caqasa’a;

gurra keessan

gara dubbii afaan kiyyaa deebifadha’a.

2 Ani fakkeennaan afaan kiyya hin saaqadha;

dubbii dhossa’aa

ta durii jalqaddee dhoffante hin mudhisa.

3 Dubbiin tun ta dhageennee hin beenne,

ta abbootiin teenna ta durii nutti hinte,

4 nuuti ijoollee isaanii hin dhossinu;

marroo leellisa Mootii Waan Maraatii fi hunna isaa,

marroo bilbaasa inni hujee,

dhaloota dhufutti hin hinna.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também