Eegunsa Waaqaa Jala Jiraachuu
1 Nami gollaa Waaqa Ol Aana’aa jala le’u,
ka gaaddisa Waaqa Waan Mara Dande’uu jalatti foorfatu,
2 Mootii Waan Maraatiin, «Ati addee ani itti baqadhu, kushee tiyya,
Waaqa kiyya ka ani itti addadhu» hin jedha.
3 Waaqi tiyyoo nami si’iif afee fi
dhukkuba hamaa jalaa si hin baasa.
4 Inni koola ifiitiin si golla;
baala isaa jalatti baqatta;
addatamummaan isaa wonte’ee fi
kushee si’iif hin te’a.