Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 95

Faaruu Leellisaa

1 Kowa’a, Mootii Waan Maraatiif,

ilillisaa faarfannaa!

Rassaa nu baasu iyyinee leellifannaa!

2 Galataan fuula isaa dura dhikaannuu ti;

faaruu leellisaatiin ilillinnuu ti.

3 Mootiin Waan Maraa Waaqa gudda’a;

waaqota mara irratti mooti’i.

4 Qileen lafa jalaa harka isaa keessa jirti;

qacceen gaaraalle tama isaa ti.

5 Inni waan isii dadeef,

abbaayaan ta isaa ti;

lafa godduulle harkuma isaatitti dade.

6 Kowa’a, gad jennee isa waaqonfannaa!

Mootii Waan Maraa

ka nu dade duratti jilbiiffannaa!

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também