Publicidade

Salmos 96

Waaqa Mooticha Ol Aanaa

1 Faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa’a;

Kolbaan lafa irraa marti

Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa’a.

2 Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa’a;

maqaa isaa leellisa’a.

Guyyuma guyya’aan fayyisiisa isaa lassa’a.

3 Gosa biyya adda addaatiif ulfinna isaa,

kolbaa maratti hujii isaa ta maade’ee lassa’a.

4 Mootiin Waan Maraa guddaa waan te’eef,

guddifamee leellifamuu male;

waaqota mara caalaa sodaatamuu male;

5 waaqoti gosa biyya adda addaa marti

waaqota dharaa ti;

Mootiin Waan Maraa ammoo ka ol-gubbaa dade.

6 Ulfinnii fi arnyi fuula isaa dura,

jabeennii fi dansummaan

addee woyyittii isaa keessa jiran.

7 Maatiin gosa biyya adda addaa

Mootii Waan Maraa leellisa’a;

ulfinnaa fi jabeenna Mootii Waan Maraa leellisa’a.

8 Ulfinna maqaa isaatiif te’u

Mootii Waan Maraatiif dhikeessa’a;

kennansa fida’aatii gara badhinna mana isaa kowa’a.

9 Dansummaa woyyummaa isaatiif

Mootii Waan Maraa waaqonfadha’a;

nami lafa irraa marti fuula isaa duratti holladha’a.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-