Waaqa Waan Mara Beeku
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
1 Ee Mootii Waan Maraa,
ati qorqortee na beetteerta.
2 Ati teessoo tiyyaa fi ka’a tiyya hin beetta;
yaada kiyya fago’ottuu hubatta.
3 Addee ani deemu fi itti foorfadhu
hubattee beetta;
ati hujii tiyya mara hin beetta.
4 Adoo dubbiin afaan kiyyaa hin bayin,
ee Mootii Waan Maraa,
ati dubbii san maraayyuu hin beetta.