7 Ayyaana keeti duraa eessa deemuu dande’a?
Fuula keeti duraa eessa baqatuu dande’a?
8 Gara ol-gubba’aa yoo ol baye, ati achi jiraata;
addee worri du’e jiru keessa yoo irkadhelle,
ati achi jirta.
9 Ani koola baasee akka dayya’a boru’uu ka’ee,
gara seensuma adu’uutitti yoo qubadhe,
10 silaa achille’etti harki keeti na hin sooressa;
harki keeti middichi jabeessee na qabaayyu.