Faaruu Leellisaa
1 Mootii Waan Maraa leellisa’a;
faaruu haareya
Mootii Waan Maraatiif faarsa’a!
Wolde’a kolbaa isaa keessatti
isa leellisa’a.
3 Shubbisaa maqaa isaa faarsanuu ti;
dibbe’ee fi kiraara guddichaan
isaaf faarsanuu ti.
4 Mootiin Waan Maraa
kolbaa ifiitiin waan gammaduuf,
worra gad ifi qabu,
akka injifatanu godhee ulfinna kennaaf.
5 Kolbaan isaa,
ulfinna kanaan firinxiixanuu ti;
taqee ifii irralle’etti,
ililleetti’iin faarfatanuu ti.