Pular para o conteúdo
Publicidade

Salmos 23

Mootiin Waan Maraa Tissee Dansa’a

Faaruu Daawitii.

1 Mootiin Waan Maraa tissee kiyya;

ani womaa hin dhabu.

2 Inni marra bisilee keessatti

akka ani foorfadhu godha;

gara bisaan dansa’aa na geessa.

3 Inni jabeenna haareya naa kenna;

maqaa ifiitiif jedhee

daandii balchaa irra na sooressa.

Veja também