5 Waaqi addee woyyittii ifii keessa jira;
ijoollee abbaa hin qanneef abba’a;
haadhotii hiyyeessaatiifille abbaa mura’aa ti.
6 Waaqi worra qofi le’uuf maatii hin kenna;
worra hidhamelle qananumma’atti hin baasa;
finqiltooti ammoo goomolee godduu keessa le’an.