4 nuuti ijoollee isaanii hin dhossinu;
marroo leellisa Mootii Waan Maraatii fi hunna isaa,
marroo bilbaasa inni hujee,
dhaloota dhufutti hin hinna.
5 Inni ajaja sanyii Yaaqoobiitiif kennee,
seera Israa’el keessatti baasee,
ijoollee ifiille akka barsiisanu
abbootii teenna ta durii ajaje.
6 Wonni inni tana godheef,
dhalooti itti aanu tana akka beeku,
worri amma hin dhalatinille
ijoollee ifii akka barsiisu.
7 Achiin duuba ijoolleen sun Waaqatti addatti;
hujii Waaqaalle hin deetu;
ajaja isaalle yennaa mara eeggatti.