Seera Waaqaa Jaalatiisa
97 Ani attam attam seera keeti jaaladha!
Ani guyyaa guutuu itti deddeebi’ee isa yaada.
98 Ajaji keeti yennaa mara na woliin waan jiruuf,
diinota kiyya caalaa qaroo na godha.
99 Ani seera keeti itti deddeebi’ee waan yaaduuf,
barsiisota tiyya mara caalaa qarummaa qaba.
100 Ani seera keeti waan muummessuuf,
maanguddoota caalaa hubantii qaba.