97 Ani seera kee akkaman jaalladha!
Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
98 Ajajawwan kee waan yeroo hunda na wajjin jiraniif,
diinota koo caalaa ogeessa na godhan.
99 Ani sababiin irra deddeebiʼee seera kee yaaduuf,
barsiisota koo hundumaa caalaa hubannaa qaba.
100 Ani sababiin ajaja kee eeguuf,
maanguddoota caalaa hubannaa guddaan qaba.