Publicidade

Salmos 133

1 Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun,

akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!

2 Kun akka zayitii gatii guddaa

kan mataa irratti dhangalaafamee,

akka isa areeda irra gad yaaʼuu,

areeda Haaruun irra, morma uffata isaa irras gad yaaʼa ti.

3 Innis akkuma fixeensa Hermoon,

kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti.

Achi irratti Rabbii Allaahan hamma bara baraatti eebba isaa,

jireenyas ajajeeraatii.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-