Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.
1 Guyyaa rakkinaatti Rabbii Allaahan deebii siif haa kennu;
maqaan Allaah Yaaʼikuubis si haa eegu.
2 Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu;
Xiyoon irraas jabina siif haa kennu.
3 Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu;
qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu.
4 Hawwii garaa keetii siif haa kennu;
karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.