Pular para o conteúdo
Publicidade

Salmos 24

Zabuurii Daawud.

1 Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu,

addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan Rabbii Allaah ti;

2 inni galaanota irratti ishee hundeesseeraatii;

bishaan irras ishee dhaabeera.

3 Eenyutu tulluu Rabbii Allaahatti ol baʼa?

Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata?

4 Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu,

nama lubbuu isaa gara waaqeffatamaa tolfamaatti ol hin kaafne

yookaan nama sobaan hin kakannee dha.

5 Inni Rabbii Allaah biraa eebba,

Allaah Fayyisaa isaa biraa immoo qajeelummaa ni argata.

6 Dhaloonni kun dhaloota warra isa barbaadanii ti;

kan dhaloota warra fuula Allaah Yaaʼikuub barbaadanii ti.

7 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa;

isinis balbalawwan durii,

akka mootiin ulfinaa ol galuuf ol qabamaa.

8 Mootiin ulfinaa kun eenyu?

Rabbii Allaah jabaa fi humna qabeessa,

Rabbii Allaah isa waraana keessattis humna qabu sanaa dha.

9 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa;

isinis balbalawwan durii akka mootiin ulfinaa ol galuuf

mataa keessan ol qabadhaa.

10 Mootiin ulfinaa kun eenyu?

Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu sun,

inni Mootii ulfinaa ti.

Veja também