1 Namni yakki isaa dhiifameef,
kan cubbuun isaas haguugameef,
eebbifamaa dha.
2 Namni Rabbii Allaahan cubbuu itti hin lakkoofne,
kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre,
eebbifamaa dha.
3 Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti,
guyyaa guutuu aaduu kootiin,
lafeen koo ni bosose.
4 Harki kee halkanii fi guyyaa natti ulfaateeraatii;
jabinni koos akkuma waan hoʼa bonaatiin taʼuutti xuuxame.
5 Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe;
balleessaa koos si hin dhokfanne.
Anis, "Irra daddarba koo, Rabbii Allaahatti nan himadha" nan jedhe;
atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.
6 Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu,
yeroo ati itti argamtutti si duratti duʼaa haa godhatu;
lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu.