Pular para o conteúdo
Publicidade

Zabuuriiwwan 78

4 Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu;

hojii Rabbii Allaah ulfina qabeessa sana,

humna isaatii fi dinqii inni hojjete,

dhaloota itti aanutti ni himna.

5 Inni Yaaʼikuubiif sirna dhaabe;

Israaʼeliif immoo seera kenne;

waan kana illee akka isaan ijoollee isaanii barsiisaniif,

abbootii keenya ajaje;

6 kunis akka dhaloonni itti aanu beeku,

akka ijoolleen amma iyyuu hin dhalatin beekan,

isaanis akka ijoollee isaaniitti dabarsanii himaniif.

7 Yoos isaan Allaah amanatu;

ajaja isaas ni eegu malee hojii isaa hin irraanfatan.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também