1 Rabbii Allaah, ati na qorteerta;
na beekteertas.
2 Ati yeroo ani gad taaʼuu fi yeroo ani ol kaʼu ni beekta;
yaada koos fagootti hubatta.
3 Deemuu koo fi ciisuu koo addaan baaftee beekta;
karaa koo hundas beekta.
4 Rabbii Allaah, akka dubbiin tokko iyyuu arraba koo hin jirre,
ati guutumaan guutuutti ni beekta.