3 Ati yoo garaa koo qorte, halkaniinis yoo na ilaalte,
yoo na sakattaates, homaa narratti hin argattu;
ani akka afaan koo cubbuu hin hojjenneef kutadheeraatii.
4 Waaʼee hojii namootaa immoo ani dubbii afaan keetiitiin
karaa gooltotaa irraa of eeggadheera.
5 Tarkaanfiin koo karaa kee irratti cimeera;
miilli koos hin mucucaanne.